Fana: At a Speed of Life!

Shaashamanneetti pirojektiin bishaan dhugaatii jiraattota kuma 100 fayyadamtoota taasisu hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Sadaasa 14, 2015(FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetti pirojektiin bishaan dhugaatii jiraattota kuma 100 fayyadamtoota taasisu Birrii miiliyoona 60’n hojjetamaa jiraachuu Waajjira Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa Magaalaa Shaashamannee ibse.

Waltajjiin marii Dhaabbatichaa fi miseensota Mana Maree Magaalaa Shaashamannee gaggeeffameera.

Waltajjicharratti, Itti Gaafatamaan Waajjira Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa Magaalaa Shaashamannee Injiinar Damissee Nyooree, baay’inni ummataa fi dhiyeessii bishaan dhugaatii walmadaalchisuuf boolli gadi fagoon Birrii miiliyoona 60’n hojjatamaa jira jedhan.

Pirojektiin kun hanqina bishaan dhugaatii jiraattota magaalattii kuma 100 olii akka furus ibsaniiru.

Afyaa’iin Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Obbo Amaan Maarqoos, hojiin pirojektichaa qulqullinaan akka hojjatamuuf, deeggarsaaf hordoffii akka taasisan dubbataniiru.

Gandoota magaalattii saglan dabalatee waliingahiinsa bishaan dhugaatii qulqulluu babal’isuuf hojjatamaa jiraachuu eeraniiru.

Jibriil Huseen fi Maqdas Asfawuutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.