Fana: At a Speed of Life!

Siimpooziyeemiin qorannoo bunaa sadarkaa biyyoolessaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraadhala 12, 2012 (FBC) – Simpooziyeemiin qorannoo bunaa biyyoolessaa Yuunvarsiitii Diillaatti gaggeefamaa jira.

Waltajjichi walta’insa Yuunvarsiitii Diillaa, godina Geediyoo fi Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Ityoophiyaa waliin walta’uudhan kan qophaa’edha.

Siimpooziyeemicharratti hoggantoonni hojii olaanoo, hoggantoonni yuunivarsitichaa, ogeeyyiin bunaa fi qonnaan bultoonni Geediyoo, Siidamaa, godinaalee Gujii fi aanaa Ammaaroorraa walitti babba’an hirmaachaa jiru.

Preezdaantiin Yuunvarsiitii Diillaa Dooktar Chiirootaaw Ayyalaa yuunvarsiitin isaanii oomishti bunaa fi gurgurtaan isaa karaa saayinsaawaa ta’een akka hojjetamu tumsaa jiraachuu himan.

Kanumaafis wagga lama dura giddugala qorannoo bunaa hundeessuun damicharratti leenjii garaagaraa keennaa turera jedhan.

Yeroo itti aanuttis yuunvarsiitichi sadarkaa biyyoolessaatti giddu gala qorannoo bunaa ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Bakka bu’aa fi gorsaan ministira Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Dooktar Ishatuu Kabbadaan gama isaanitiin, yuunvarsitichi nananoo oomisha bunaa jiraachun damichaan hojiiilee jajjaboo akka hojjetu carra qabeessa isa taasisa jedhan.

Kanaafis ministeerichi deeggersaa fi hordoffii ni taasisaaf jedhaniiru.

Daayreekterri Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Ityoophiyaa Dooktar Addunyaa Dabalaan ammoo siimpooziyeemichi oomishnii bunaa qulqullina qabu akka guddaatuuf shoora olaanaa ni qabaata jedhan.

Bakka bu’aan Gamtaa Awrooppaa Doomineeskoo Daaviis, gamtichi hojiilee misooma qonnaarratti Ityoophiyaa keessatti hojjeechaa jira jedhaniiruu.

Misikkir Sinaaffiqtu gabaase

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.