Fana: At a Speed of Life!

Simbira Girrisaa miiliyoona 13 to’achuuf hojjetamaa jira-BQO

Finfinnee, Amajjii 27, 2015 (FBC)- Qonna jallisiin misooma jirurraan miidhaa akka hingeessisneef Simbira Girrisaa miiliyoona 13 to’achuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Biirichatti Itti Aanaa Hogganaa fi Hogganaa Damee Eegumsa Biqiltuu Obbo Dajanee Hirphaa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif ibsa kennaniin, baatii Fulbaanaa darbe weerarri Simbiraa Girrisaa qonnaa Gannaarratti mul’atee turuu eeruun, Simbira miiliyoona 12 to’achuun akka danda’ame himan.

Qonnaa jallisii boneen amma gaggeeffamaa jiruun walqabatee naannawaa Sululaa Qiinxaamaatti simbirrichi bal’inaan kan mul’ate ta’uus eeraniiru.

Haaluma kanaan jalqaba baatii Amajjiirraa eegalee hojiin Simbiraa Girrisaa miiliyoona 13 to’achuu hojjetamaa jira jedhan.

Guyyaa boruurraa kaasees hojiin to’annoo Simbira kanaa naannawaa Arsii, Dheeraatti kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Simbirroo Girrisaan Naannoo Oromiyaatti qamadii hektaaraa miiliyoona 1 ol faca’eerraan miidhaa akka hinqaqqabsiisneef hojiin to’annoo fi ittisaa ciminaan hojjtamaa jirachuu Obbo Dajaneen ibsaniiru.

Simbirri kun Qonna jallisii naannichatti babal’achaa jiru haala mijataa waan uumeef biyyootaa Gaanfaa Afrikaarraa kan godaane ta’uu ibsaniiru.

Hanqinni xiyyaaraa jiraachuun ittisaa fi to’annoo gaggeeffamu harkifataa taasisuu kaasanii ammatti xiyyaara Dhaabbataa Ittisaa fi To’annoo Awwaannisa Gammoojjii Baha Afrikaa fayyadamuun, hojiin to’annoo simbirrichaa itti fufuu himaniiru.

Amalli simbira girrisaa to’achuuf rakkisu da’oo bulmaata isaa ta’uu eeruun, hawaasni dhallaadduu naannawaa harootti biqilu haamuu, muka laaftoo naannawaa ooyiruutti biqilaan hordofuun mandhee isaa diiguun hojiilee to’annoo gaggeeffaman tumsuu akka qabu dhaamaniiru.

Dabalaa Taaddasaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.