Fana: At a Speed of Life!

Sochiin Magaalaa Duubaay lolaan danqame

Finfinnee, Ebla 9, 2016 (FBC)- Gamtaa Emereetotaa Arabaa Magaalaa Duubaayitti rooba cimaa roobe hordofee balaa lolaa mudateen sochii Magaalattiirratti dhiibbaa uumuun ibsame.

Lolaa umame kanaan daandileen guguddoon magaalattii fi manneen jireenyaa lolaan dhuunfatamuun ibsameera.

Gabaasni Televiizhinii biyyattii akka argisiisutti Kaleessa galgala roobni cimaa roobee erga raagni haala qilleensaa galmaa’uu eegale bara 1949 as isa olaanaadha jedhameera.

Magaalattitti roobni waggaatti roobu sa’aatii 24 keessatti roobuun lolaan balaa geessisu uumamuu Rooyitarsii fi Sky News gabaasaniru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.