Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin Daldalaa Galaana Diimarratti gaggeeffamu % 42 hir’isuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 17, 2016 (FBC) – Haleellaa Finciltoonni Huutii raawwatan hordofee sosochiin Daldalaa Galaana Diimarratti gaggeeffamu % 42 hir’isuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiise.

Sosochiin Daldala Galaana Diimaa hir’isuun sosochii Daldalaa Galaana Gurraachaa fi Paanaamaa Booy sababa waraana Raashiyaa fi Yuukreeniin rakkoo keessa ture caalmaatti dhiibbaa keessa galchuu ibsameera.

Haleellaan Dooniwwan daldalaa Galaana Diimarratti raawwatamu sochii Siyaasaa fi Daldala Addunyaarratti Dhiibbaa uumuu DhMGnitti Itti Gaafatamaan Daldalaa fi Yaa’ii Misoomaa Jaan Hoofimaan ibsaniiru.

Galaanni Diimaan sochii Daldala Addunyaa % 80 kan uwwisu ta’uu kaasaniiru.

Baatiwwan sadan darban haleellaan Finciltoonni Huutii Dooniwwan Daldalaa Galaanaa Diimarratti raawwatan sosochii Daldalaa naannawichaatti gufuu ta’uu eeraniiru.

Sababa kanaan naannawaa Afrikaa Bahaa, Kibba Eeshiyaa, Kibba Baha Eeshiyaa fi Baha Eeshiyaatti wabiin midhaan nyaataa yaaddoo keessa galuu himuu CGTN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.