Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin Gareen ABUT iddoolee 8tti taasiisaa ture Raayyaa Ittisaan barbaadaa’uu ibsame

Finfinnee, Eebila 5, 2013 (FBC) – Sosochiin Gareen ABUT iddoolee 8tti taasiisaa ture tarkaanfii Raayyaan Ittisaa fudhateen barbaadaa’uu Qindeessaa Olaanaan Damee Ijaarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaa leetanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen ibsaniiru.
Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen haala waqtaawwaarratti ibsa laataniiru.
Garichi naannoo Tigraay iddoolee 8tti sosochiin taasiisaa ture tarkaanfii Raayyaan Ittisaa fudhateen barbaadaa’uu ibsaniiru.
Kaaba Bahaa, Kibba Bahaa fi iddoolee birootti Raayyichi Teeknooloojii barbaachisaa ta’e fayyadamuun tarkaanfii fudhateen gareen Juuntaa barbadaa’uu Leetanaal Jeneraal Baacaan ibsaniiru.
Hidhattoonni hedduun abdii kutachuun harkaa laachaa jiraachuu himaniiru.
Naannichatti iddoolee leenjii xixiqqoo fi eegdoota hoggantoota garichaarratti tarkaanfiin fudhatamuu fi to’annoo jala oolchuun danda’ameera jedhan.
Garichi kana booda humna biraa qabatee itti fufu hin danda’u jedhaniiru.
Garichi daandiwwan gara magaalaa Maqalee geessaan cufuun deeggarsa namoomaa guyyaa guyyaa fi tajaajila hawaasaa laatamu gufachiisuuf socho’aa turuu Leetanaal Jeneraal Baacaan ibsaniiru.
Gareen ABUT karaa Sudaaniin miliquuf yaalaa jiraatus Raayyaan Ittisaa kallattii hundaan qophii ga’aa taasiisuu himaniiru.
Soddoo Lammaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.