Fana: At a Speed of Life!

Tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf hawaasni of dagannarra of qusachuu qaba -obbo Dammaqaa

Finfinnee, Hagayyaa 7, 2012 (FBC) –Hawaasni of dagannaa amma keessaa jiru keessaa bahuun weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf shooraa isaa bahuu akka qabu Itti aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonnin akeekkachisan.

Labsii yeroo ariifachisaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf baheen raawwii baatiiwwan afuriirratti marii wajjiirri muummee ministiraatti taasisama jira.

Baatiwwan shanan darbanitti mootumman weerarrii vaayrasii koroonaa dhiibbaa hawaasarraan gahuu hir’isuuf hojjeetaa jiraachuu obbo Dammaqaan dubbataniiru.

Hojii weerara vaayrasichaa ittisuurra darbe labsii yeroo arifaachisaa baasuun gurmaa’insa caasaalee mootummaa hanga dakaatti jiraniin uumuun hojjeechuu ibsaniiru.

Kanafiis hawaasni qajeelfamoota bahee hojiirra akka oolchu dabalatee tursiisa adda qopheessuun hojiwwan gurguddoon hojjetamuus eeraniiru.

Haata’u malee yeroo amma kana qajeelfamoota labsii yeroo ariifachiisaa bahee hordofuurratti of dagannaan jiraachuu obbo Dammaqaan yaadachisaniiru.

Walumagalattii baatiwwan arfan darbanitti raawwii labsii yeroo ariifachisaa ka’umsaa godhachuun yeroo hafeetti hawaasni qajeelfamoota bahaan haalaa itti hojiirra oolchuu uumuuf ni hojjeetama jedhaniiru.

Hundarra caalaa garuu hawaasnii fi qaamooleen mootummaa sosochii baatii Hagayyatti adeemsifama jiru bu’a qabeessa akka taasisuyaadachisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.