Fana: At a Speed of Life!

Taphataan garee biyyaalessa Itiyoophiyaa Alleelinyi Azzanaan boqote

Finfinnee, Bitootessa 18, 2016 (FBC) – Taphataan sarara gidduu Garee Kubbaa Miilaaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa Alleelinyi Azzanaan du’aan addunyaa kanarraa boqoteera.

Alleelinyi Azzanaan taphataa sarara gidduu Garee Kubbaa Miilaaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa fi Kilaba Kubbaa Miilaa Magaalaa Bahirdaar yoo ta’u, halkan edaa dhibee tasaan addunyaa kanarraa boqoteera.

Alleelinyi sababa miidhamaan bakka dhaloota isaa Magaalaa Aarbaa Minci waayita jiru boqochuu isaa Kilabni Kubbaa Miilaa Magaalaa Bahirdaar beeksiseera.

Taphataan kun baatii muraasa dura bultii ijaarachuun isaa eerameera.

Kilaba Kubbaa Miilaa Magaalaa Aarbaa Minci keessatti tapha kan eegale Alleelinyi, Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaaf sarara gidduutti tajaajilaa tureera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.