Fana: At a Speed of Life!

Tattaaffiin Odeeffannoo fi Olola sobaan xiyyeeffannoo hawaasa idil addunyaa argachuuf taasiifamu iddoo hin qabu – TKM

Finfinnee, Caamsaa 14, 2014 (FBC) –Tattaaffiin Odeeffannoo fi Olola sobaan xiyyeeffannoo hawaasa idil addunyaa argachuuf taasiifamu iddoo kan hin qabne ta’uu Tajaajjilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.

Gareen shororkeessaa ABUT eenyummaa isaa sirrii hawaasni idil addunyaa hubachaa dhufuu isaan ololli tamsaasaa ture gatii dhabaa dhufuu hordofee, ammas qalbii hawaasa idil addunyaa argachuuf dhimma booji’amtoota hiikuu ajandaa taasiisuuf yaalaa jiraachuu tajaajilichi ibseera.

Eenyummaa isaa dhoksuuf nageenya kan barbaadu fakkeessee dhiyaachuuf tattaaffii taasiisu keessaa tokko booji’amtoota hiike jedhuun seenessoo olola sobaa ta’uu himeera.

Garichi naannoo Amaaraa fi Afaar iddoolee weeraree turetti gochaawwan sarbama namoomaa suukaneessaa raawwachaa turuu fi yeroo ammaa namootaa kanneen olola siyaasaaf oolchuuf booji’amtoota hiike jechuun hawaasa biyya keessaa fi idil addunyaa burjaajessuuf yaalaa jiraachuu himeera.

Mootummaan dhimmicha ilaalchisee hojii qulqulleessuu taasiisaa tureen namoonni booji’amtoota jedhaman kunneen wayita Raayyaan ittisaa naannoo Tigraay gadi lakkisee ba’ee turetti maatii Raayyaa ittisaa garichaan ugguramanii turan ta’uu mirkanaa’uu ibseera.

Gama biroon hawaasa siiviilii garaagaraa hojiif naannoo Tigraay keessa jiraachaa turan ugguree ture yeroo ammaa bu’aa siyaasaa argachuuf uffata seeraa Raayyaa Ittisaa fi qaamolee nageenyaa biroo itti uwwisuun booji’amtoota fakkeessuun hiriirsiisuu himeera.

Garichi tibbana waraana labsuu fi ifatti qophii taasiisaa jiraachuu beekkamuu hordofee waan qaban hunda gara waraanaatti jijjiirruun irra deebiin badiif qophaa’aa jiraachuu gochaan kun muul’iftuu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa isaan himeera.

Finxaaleeyyiin hidhannoon iddoolee garaagaraa keessa socho’aa jiranis olola garee ABUT kanneen tumsan ta’uu eereera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.