Fana: At a Speed of Life!

Teeknooloojiin Liqaa Dijitaalawaa ifoome

Finfinnee, Amajjii 4, 2014 (FBC) – Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa fi Teeknooloojii Faayinaansii Kiffiyyaa appilikeeshinii Liqaa Dijitaalaa dhiyeessaniiru.
Teeknooloojiin Michuu appilikeeshinii Liqaa jalqaba Ityoophiyaa keessatti karaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa fi Teeknooloojiin Faayinaansii Kiffiyyaan dhiyaate.
Appilikeeshinii Michuu fayyadamuun maammiltoonni karaa Dijitaalawaa ta’een iyyata liqaa ittiin dhiyeeffachuufi argachuu danda’anidha.
Michuun haala saffisaa,amansiisaa fi wabii Liqaa Osoo hin gaafatiin tajaajila Liqaa mayikiroo interpiraayizoota xixiqqaa fi giddugaleessaaf kennudha.
Appilikeeshiniin Michuu sirba iyyannaa, madaalli, kaffaltii Liqaa ammayyaawaa fi Dijitaalawaa kan ta’edha jedhan Preezdaantiin Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa obbo Dirribii Asfawuu.
Iyyata Liqaa dhiyaate ulaagaa guutuu isaa mirkaneessuun,adeemsa madaallii liqaa gochuutiin yeroo gabaabaa keessatti tooftaa dijitaalawaan kennaa liqaa kan raawwatudha jedhan.
Tajaajilawwan kennamanis Liqaa Maayikiroo,Liqaa Interpiraayizootaa fi Giddugaleessaa kenna jedhan.
Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.