Fana: At a Speed of Life!

Tiraampi Pireezidaantii Ameerika jalqabaa himanni yakkaa irratti baname ta’e

Finfinnee, Bitootessa 22, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Ameerikaa duraanii Doonaald Tiraamp Pireezidaantii biyyattii jalqabaa himanni yakkaa irratti baname ta’uufi jedhame.

Tiraampi taatoo Fiilmii saalqunnamtii Istoormii Daani’eel afaan qabsiisuuf Doolaara Kuma 130 kaffaffaleera jechuun himanni yakkaa irratti banamuuf ta’uu eerameera.

Filannoo Pireezidaantummaa Ameerikaa bara Faranjootaa 2016 osoo hin moo’atin dura Maallaqicha nama dhuunfaa kanaaf kaffaleera jechuun Niwuu Yoorkitti qorannoo cimaan irratti gaggeeffamaa tureera.

Tiraampi Taatoo fiilmii kana waliin hariiroo saalqunnamtii raawwate dhoksuuf maallaqa kaffaleera jechuun qorannoon gaggeeffamaa turuu eerameera.

Taatoon fiilmii saalqunnamtii Isteefanii Kiliifoord jedhamuun beekkamtu tapha galii walitti qabuu Goolfi bara Faranjootaa 2006 gaggeeffamerratti Tiraampi waliin argamuu ishee dubbatteerti.

Filannoo Pireezidaantummaa Ameerikaa bara Faranjootaa 2016 dura hariiroo saalqunnamtii Tiraampi waliin raawwatte akka hin dubbanneef Doolaarri kumni 130 kaffalamuufii dubbateerti.

Maallaqni akka isheen hin dubbanneef kaffalame seeraan ala ta’uu baatus , wayita filannoof guyyoonni muraasni hafutti kaffalamuun duula na filadhaa akka waliin dhahuutti ilaallame jedhame.

Tiraampi Kibxata dhufu mana murtiitti dhiyaachuun himata isaanirratti baname kan hordofan ta’uu fi Niwuu Yoorkitti iyyannoo isaanii ni dhiyeessuun kan eegamu ta’uu BBCn gabaaseera.

Tiraampi badii isaanii kan waakkatan ta’uu fi himannichi dhiibbaa siyaasaati jechuun mormaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.