Fana: At a Speed of Life!

Tiraanisfoormeeshinii kenna tajaajila MNO marsaa 2ffaarratti mari’atamaa jira

Finfinnee, Hagayya 11,2014 (FBC)-  Tiraanisfoormeeshinii kenna tajaajila Mootummaa Naannoo Oromiyaa marsaa 2ffaarratti  Adaamaa galma Abbaa Gadaatti mari’atamaa jira.

Waltajjiin marii kun bakka hoggattoonni olaanoon naannoofi hoggansi godinaalee, magaalotaa fi aanaaleerraa argamanitti gaggeeffamaa jira.

Ittaanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, waltajjichaan kenna tajaajilaa, karoora akka naannoo Oromiyaatti Manneen barnootaa keessatti barattoota miiliyoona 7 ol nyaachisuuf qabameefi Suupparviizhinii kurmaana 4ffaa irratti xiyyeeffachuun akka mari’aatamu himaniiru.

Bara darbe injifannoo seenaaf taa’uu danda’u galmeessisuu ibsaniiru.

Karoorri kenna tajaajila bara 2015 kan Naannoo Oromiyaa mariif dhihaatee irratti mari’atamaa jiraachuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.