Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaa fi birmadummaa Ityoophiyaa eeguuf Raayyaan Ittisaa dammaqaadha-F/M Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Tokkummaa fi birmadummaa Ityoophiyaa eeguudhaaf Raayyaan Ittisaa dammaqiinaan dhaabbatee jiraachuu Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa  Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa ibsaniiru.

Sagantaan beekamtii kennuu Ajajaa Lixaa Kutaa Waraanaa Risaa 22ffaa gaggeeffamaa jira.

Raayyaan mallattoo injifannooti kan jedhan Fiild Maarshaal Birhaanuun, Raayyaan Ittisaa ammas Ityoophiyaa eeguudhaaf daammaqinaan dhaabbatee jira jedhaniiru.

Kutaan Waraanaa Risaa 22ffaan lola garagaraarratti injifannoo galmeessaa turuus yaadachiisaniiru.

Ajajaan Kutaa Waraanichaa Birgaadar Jeneraal Seeyfee Ingee, kutaan waraanichaa Naannoolee Beenishaangul Gumuzii fi Oromiyaatti kanneen shocho’an shaneefi gareewwaan hidhatan irratti tarkaanfii  fudhachuun bu’aan galmaa’uu himaniiru.

Miseensota Raayyaa Ittisaa raawwii fooyya’aa galmeessaniif badhaasnii meedaaliyaa kennameera.

Preezdaantiin Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadlii Hasan gama isaaniin,  nageenyaa naannichaa eeguu keessaatti Raayyaan Ittisaa gahee olaanaa bahachaa turuu himaniiru.

Raayyaan Ittisaa abjuu qaamolee Ityoophiyaa diiguuf ka’anii kan fashaleesse gootaa guyyaa rakkoo ta’uu kaasaniiru.

Dogoggora kaleessarraa kan hinbaranne ABUT fi michoonni isaa tuttuqqaa raawwatan ittisuuf Raayyaan Ittisaa sadarkaa amansiisaarra jiraachuu eeraniiru. Uummanni Ityoophiyaas jajjabeessuu fi deeggaruu akka qabuu himaniiru.

Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.