Fana: At a Speed of Life!

Ugaandaatti ogeeyyiin fayyaa 6 Iboolaan qabamuu gabaafame

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)- Ugaandaatti ogeeyyiin fayyaa 6 vaayirasii Iboolaan qabamuu gabaafame.

Ogeeyyiin fayyaa kunneen vayirasichaan qabamuu erga mirkanaa’ee booda yaala fayyaaf gara buufata tursiisaatti baafamuu ‘The East African News’ gabaaseera.

Vaayirasichi  dhukkubsattootarraa gara ogeeyyii fayyaatti darbuu eerameera.

Biyyattiitti vaayirasiin Iboolaa kan mudate yeroo 5ffaaf yoo ta’u kan jalqabaa bara faranjootaa 2000tti aanaa Guuluu jedhamtutti mudachuu yaadachiifameera.

Weerara vaayirasichaan yeroo ammaa namoonni 24 qabamuufi 5 lubbuun darbuu ragaan Ministeera Fayyaa biyyattii ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.