Fana: At a Speed of Life!

Ummanni ayyaana Faasikaa wayita kabaju, aadaa fi duudhaa boonsaa qabuun walcina dhaabbachuu qaba- Aadde Sa’aadaa

Finfinnee, Eebila 15, 2014 (FBC)- Ummanni keenyas, ayyaana Faasikaa wayita kabaju, aadaa fi duudhaa boonsaa qabuun walcina dhaabbachuu qaba jechuu Af yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan ibsaniiru.

Guutuun ergichaa akka armaan gadiitti dhiyaateera:-

Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Maraan Baga Ayyaana Faasikaa Bara 2014n Isin Gahe!

Ayyaanni faasikaa, hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti, Yaadannoo Du’aa Ka’uu Kiristoos ta’ee waggaa waggaan ayyaana guddaa hawwiin eegamuufi kabajamudha.

Ummanni keenyas, ayyaana kana yommuu kabaju, aadaafi duudhaa boonsaa qabuun walcina dhaabbachuun, kan qaburraa waliif qoodee, kan rakkateefi dhabe gargaaree, gaachanaafi dahoo waliif ta’uun, tokkummaafi jaalalaan waliin gammadee ayyaana waliin kabaju waan ta’eef, duudhaan keenya ganamaa kun ayyaana kana irrattis daran cimee mul’achuu qaba.

Aadaa walgargaarsaafi waliif birmannaa kaleessa qabnu kanatti fayyadamuun, ummanni keenya balaa uumamaa hongee mudateen, lammii isaarra miidhaan hammaataan osoo hin qaqqabiin bakka jiru maraa birmannaa addaa waliif taasiseen balaa qaqqabuuf malu baraaruu danda’ee jira.

Muuxannoo kana qabannee, ammas rakkoolee nam-tolchee gufuu imala keenyaa ta’aniifi jiruufi jireenya ummataa guyyaa guyyaan qoraa jiran hundeerraa buqqisuuf sochii mootummaan nagaaf tasgabbii hawaasaa mirkaneessuufi qaala’iinsa jireenyaa to’achuuf taasisaa jiru deeggaruun daldala seeraan alaa to’achuufi nageenya qe’eefi naannoo isaa mirkaneessuu keessatti adda durummaan mootummaa cina dhaabbatee qooda isaa bahachuu qaba.

Caffeen Oromiyaas, qaama ergama bakka bu’ummaa ummataa fudhatee hojjechaa jiru waan ta’eef, itti gaafatamummaa dachaa akka qaama mootummaattis ta’e, akka bakka bu’aa ummataatti qabu bahachuun yeroo kamiyyuu caalaa ummata isa filate yeroo itti tajaajiluufi sagalee isaa ta’ee gaaffiiwwan misoomaafi bulchiinsa gaarii akkasumas, nageenya naannichaa mirkaneessuu keessatti gaheesaa ni bahata.

Kanaaf, ummata keenya qabannee rakkoolee uumamaafi namtolchee nu mudatan hunda injifannoon ce’aa akkuma har’a geenye, imala keenya boruufis gaheen ummata keenyaa mul’ata badhaadhina biyyaa qabannee hojjechaa jirru dhugoomsuu keessatti qooda leencaa waan qabuuf, kan durii caalaa gamtaan waltaanee waliin hojjechuu akka qabnun dhaama.

Dhumarrattis, soomaafi kadhannaan ji’oota lamaan dabarsinee keessatti araaraafi dhiifamaan cehuun har’a ayyaana Faasikaa kabajuu irratti waan argamnuuf, irra deebi’ee hordoftoota amantaa kiristaanaa maraan, ummata bal’aa naannoofi biyya keenyaaf ayyaanichi kan nagaa, gammachuu, milkaa’inaa, injifannoofi badhaadhinaa akka ta’u hawwiin qabu ibsa.

Sa’aadaa Abdurahmaan

Afyaa’ii Caffee Oromiyaa

Eebla 15 Bara 2014

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.