Fana: At a Speed of Life!

Ummanni Kadhatee Osoo Hintaane Kooree Tajaajila Argachuu Qaba – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 12, 2016 (FBC) – Ummanni kadhatee Osoo hintaane kooree tajaajila argachuu qaba jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Hoggansi hunda dura, ummata akkamii akka gaggeessu ifatti beekuu qaba jedhan.

Pireezidaanti Shimallis fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Ummanni kun ummata jijjiirama beekufi barbaadudha.

Oduun osoo hintaane, sirnoota akka tulluu fuuldurasaa jaajjaa turan burkutoo taasisee argeera.

Adeemsa jijjiirama waggoota shanan darbanis hamilee olaanaan tiksaa tureera.

Jijjiiramni taatee guyyaa guyyaa isaati. Yeroo gabaabaa keessatti misoomuun akka danda’amu shaakallii qabatamaa horateera.

Gocha isaatiin yemmuu madaalamu garuu, hoggansi hedduun, hoggansummaan isaa ummata jijjiirama dahee guddisu kanaaf ta’uu hinhubanne. Hubannoon kun osoo jiraatee, ummata kanaaf aarsaa fedhe kaffaluuf liphii ijaatiif waan mamu hinta’u ture. Haata’uutii, aarsaa addaa mitii, tajaajiluma ummanni qaroon kun kooree argachuu qabullee, kadhaadhanuu kennaafi hinjiru.

Sila ummanni keenya sirnoota hedduu irratti fe’aman hadheeffatee qabsaa’un isaa maaliif ture? Tajaajila isaaf malu kooree argachuuf hinturree!? Dhugaan jiru garuu kana hinagarsiisu. Inumaayyuu, ijoollee isaatiin mirga isaarraa moggeeffamee, kajeeltuu tajaajilaa ta’e. Dhugaan fudhachuu qabnu yoojiraate, Oromoon ijoollee isaatiin miidhamuun, miidhaa isaa hinxiqqeessu.

Ummanni kun rakkoolee alaafi keessan hoggansumti isaa itti umu hunda damdamatee jijjiirama kana tiksaa jira. Osoo ummata qaawwa hoggansaa jiru ofumaan duuchatu ta’uu baatee, qaata bittinaa’a ture.

Egaa akka hoggansaatti waalama hubachuun dirqama ta’a. Tokkoffaa, ummata akkamii akka hogganaa jirru beekuu qabna. Lammaffaa, hanga Tajaajila qulqullinaafi ga’uumsaan hinhoggannetti, wanti addaa nuti hoggannu akka hinjirre hubachuu qabna.

Dhumarrattis, ummanni keenya, har’as ijoollen isaa ofjijjiirtee tajaajila isaaf malu kan kennituuf ta’uu abdii guutuu qabaachuu ibsaa, hoggansi sadarkaan jiru hundi, osoo abdiin kun hinlaafiin, ariitiin ofjijjiiree ummata isaa araarfatuu akka qabu cimsee hubachiisuun barbaada.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.