Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasiin koroonaa waggoota lama keessatti baduu danda’a – Dooktar Teediroos Adihaanoom

Finfinnee, Hagayya 16, 2012 (FBC) – Vaayrasiin koroonaa waggoota lama keessatti baduu danda’a – Dooktar Teediroos Adihaanoom

Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dooktar Teediroos Adihaanoom weerarri kun waggoota lama keessatti akka badu abdiin qaba jedhan.

Ibsa Jeeneevaatti kennan irratti Ispaaniish Filuun bara Faranjoota 1918tti waggoota lama gidduutti baduu dubbatani Dooktar Teediroos Adihaanoom.

Teeknooloojiiwwan amma jiran garuu yeroo gabaabaatti dhibee kana balleessuuf akka gargaaran himani.

“Wal-qunnamtiin jiraachuunsaa vaayrasicha tamsaasuuf kan gargaaru ta’us, teeknooloojii fi beekumsa weerara kana dhaabuuf nudandeessisus qabna’’ jedhan.

Weerarri hamaan bara Faranjoota 1918tti ka’ee ture, yoo xiqqaate namoota miiliyoona 50 ol galaafate.

Vaayrasiin koroonaa  hanga yoonaatti namoota 800,000 ajjeesuun, miiliyoona 22.7 kan ta’an ammoo qabamanii jiru.

Hannii fi malaammaltummaan meeshaalee ittisaa irratti raawwatamu anaaf yakka ajjeechaa waliin wal-fakkaataadha jedhaniiru Dooktar Teediroos Adihaanoom.

Afriikaa Kibbaa dabalatee biyyoota hedduu keessatti himanni hanna meeshaalee ittisaa waliin wal-qabatu ka’aa jira.

Keeniyaatti hiriirri mormii dhimma kana balaaleffatu guyyaa Jimaataa geggeeffamee ture.

Dooktaroonni hoospitaalota mootummaa keessa hojjatan kaffaltii hin raawwatamin hafeefi hanqina meeshaalee mormuun hiriira kan taasisan.

Meeksiikoon namoota 60,000 dhabuun sadarkaa sadaffaarra yoo jirtu, namoota 173,490 dhabuun Ameerikaatu dursaa jira.

 

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.