Fana: At a Speed of Life!

Waadaa Gochatti Jijjiiruun Badhaadhina Itiyoophiyaa Ni Mirkaneessina-BKO

Finfinnee, Bitootessa 19, 2016 (FBC)-Waadaa gochatti jijjiiruun fayyadamummaa uummata keenyaa mirkaneessuu eegalle daran cimsuun badhaadhina Itiyoophiyaa ni mirkaneessina jechuun Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.

Biirichi ibsa baaseen Mootummaan Naannoo Oromiyaa ergama Oromiyaa ijaaruu, Itiyoophiyaa utubuu fi Gaanfa Afrikaa tasgabbeessuu qabachuun harka tokkoon aggaammii diinotaa qolachaa harka biraatiin hojiiwwan misoomaa magaalaa fi baadiyyaatti baay’ina, qulqullinaa fi ariitiin hojjechuu itti fufuu beeksiseera.

Guutuun ibsichaa akka ittaanutti dhiyaateera.

Paartiin Badhaadhinaa biyya kuufama idaa buleefi cabiinsa dinagdeetiin dararamte akkasumas, rakkoo hawaasummaafi siyaasaatiin diigamuuf caafii irra geesse kufaatii irraa baraaree biyya lammilee isheef taatuufi badhaadhinni keessatti mirkanaa’e uumuuf duula filannoo marsaa 6ffaatiin saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaaf waadaa seene.

Qiyyaasaan daandii badhaadhinaa looreetiin nagaa Addunyaa, muummeen ministera Itoophiyaa Dooktar Abiy Ahmad falaasama Ida’amuu Itoophiyaaf gumaachuun qormaatota biyyattii mudatanii turaniif fala milkaa’inootaafi riqicha ce’umsaa ijaaruun boqonnaan haaraan saaqame. Boqonnichis Itoophiyaanotaafi michoota isheetti abdii kan hore yoo ta’u, diinota diigamuu Itoophiyaa eegaa turan hundatti ammoo naasuu haguuge.

Karoorri Imala Badhaadhinaas qophaa’ee waadaawwan manifeestoo Paartii Badhaadhinaatiin seenaman gochaan dhugoomsuun eegalame.

Paartii jabaafi mootummaa cimaa ijaaruu, sirna federaalizimii sabdaneessa obbolummaa irratti bu’uureessuu, dinagdee damdaneessa caasessuufi tarkaanfilee haaraa maddisiisuun waadaan galame waggoota lamaaf walakkaa darban keessatti irraa jalaan gochaan dhugoome.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ergama Oromiyaa ijaaruu, Itoophiyaa utubuufi gaanfa Afriikaa tasgabbeessuu qabachuun harka tokkoon aggaammii diinotaa qolachaa harka biraatiin hojiiwwan misoomaa magaalaafi baadiyyaatti baay’ina, qulqullinaafi ariitiin hojjechuu itti fufe.

Kanaanis humna Mootummaafi humnoota waloo fayyadamuun, tarkaanfiiwwan haaraa hojii irra ooleen gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin milkaa’inoonni danuun galmaa’aniiru.

Oromoon duudhaa isaa ganamaatti akka deebi’uuf labsii humnoota waloo qideessuu ba’een rakkoo hawaasummaa waloof Buusaan Gonofaan, Misooma Waloof Tajaajilli Lammummaa, haqa Waloof manni Murtii Aadaafi Nageenya Waloof Gaachanni sirnaa caaseffaman wabii uummata keenya tahuu mirkaneessan.

Gama siyaasaatiin injifannoon waloon akka biyyaatti gonfanne akkuma jirutti ta’ee, sabboonummaa Oromoo sirnaan ijaaruu, dinagdeen cimsuufi barnootaafi teknoloojiidhaanis humneessuu galma godhachuun hojii hojjetameen waadaan gochatti jijjiiramee siyaasni Oromoo moggaa irraa gara giddu galeessaatti akka dhufu taasifame.

Gama dinagdeetiinis baadiyyaafi magaalaatti cabiinsa dinagdee mudatee ture maksuun injifannoon gurguddaan galmaa’aniiru.

Qonna Gannaa bara 2013/2014 keessa lafti hektaara miliyoona 6.3 misoomeen callaan kuntaalli miliyoona 188.2 ol argameera.

Poteenshaala jiru daguuguun qonna kilaasteraa makaanaayizeeshiniin dabaaluun bara 2015/2016 keessa lafa hektaara miliyoona 9.6tti ol guddisuun callaan kuntaalli miliyoona 283 argamuu danda’eera.

Tarkaanfii haaraa misooma Qamadii Bonaatiinis bara 2014 yeroo jalqabaaf lafa hektaara kuma 669 misoome irraa callaan kuntaalli miiliyoona 27.8 kan argame yoo ta’u bara 2015 keessa lafa hektaara miiliyoona 1.1 misoomsuun callaan kuntaalli miiliyoona 38.5 argachuun of danda’uurra dabarree biyya alaatti erguu jalqabuun seenaa haaraa dalagamedha.

Bara 2016’ttis muuxxannoo argame gabbisuun lafti misoomus dachaan dabalamee lafti hektaarri miliyoona 2.6 ol waktii Bonaatiin dachee Oromiyaa irratti misoomaa jira. Rakkoo hongee jijjiirama qilleensaatiin dhufu qolachuufis Pirojektii Finnaatiin hojiin ajaa’ibsiisoo ta’an hojjetamaniiru.

Gama hawaasummaatiinis damee Barnootaafi Fayyaa irratti jijjiirramni abdachiisaan galmaa’aniiru.

Hojii tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa bu’uura boruu kuma 15 ijaaruun dhalootni bu’ura cimaa akka qabaatu taasifameera.

Dhaloota saayinsii fi teknoloojiin ga’oome naannoofi biyyaaf keenyaaf uumuuf Manneen barnootaa Ifa Boruufi Ifa Boruu Bultii Addaa babal’isuunis milkaa’inni argamaa jiru oolee bulee kan mula’tu ta’a.

Damee fayyaatiinis waggoota muraasa darban dhaabbileen fayyaa 1500 kan ijaaraman yoo ta’u, Kellaa fayyaa dhaloota lammaffaa babal’isuunis hojii xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiran keessaa isaan muraasa.

Damee Turiizimii, Albuuda, Industiriifi Tajaajila Quunnamtii Odeeffannootiinis waadaan gochatti jijjiiramee ummata keenya fayyadamoo gochuun dandaa’ameera.

Shira Oromoo Magaalota irraa dhiibuu raawwatamaa ture hundeen buqqisuun Oromoon magaalota mimmiidhagoo pilaaniin isaanii eegaman akka qabaatuuf rifoormii magaalotaa gaggeeffameen magaalotni akkaataa walitti dhihoo jiraniin pilaaniin isaanii eegamee jiraattotaaf mijatoo akka ta’aniif hojiin hojjetame olaanaadha.

Kanaanis magaalonni keenyaa kan Oromoo ofirraa dhiibaa guddatan osoo hin taane duudhaa Oromummaa calaqqisiisaa abba biyyummaa isaas mirkaneessaa akka guddatan taasifameera.

Kabajamtoota uummattoota naannoo keenyaa!

Injifannoowwan gama siyaas dinagdeefi hawaasummaatiin galmaa’an kanneen olitti caqasaman muraasniifi kanneen hincaqasamne hedduun kan galmaa’an akkasumaan osoo hin taane, hooggansa yaadee karoorsu, uummata hojjetee milkeessuufi aarsaa barbaachisu kaffalee injifannoo isaa tikfatu qabaachuu keenyaanidha.

Injifannooleen kun jalqaba malee xumura keenya miti. Galmi keenya guddaa, daandiin keenyas fagoo waan ta’eef, waadaa keenyas haaressaa milkaa’inoota argaman dachaan daballee badhaadhina Itoophiyaa ni mirkaneessina!

Walii Galan Alaa Galan!

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

Bitootessa, 2016

Finfinnee

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.