Fana: At a Speed of Life!

Waadaa Keenya Nihaaromsina; Injifannoo Caalmaa Nigalmeessina! – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 20, 2016 (FBC) – Waadaa Keenya Nihaaromsina; Injifannoo Caalmaa Nigalmeessina! Jedhan Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Konfiransii Paartii Badhaadhinaa, damee Oromiyaa, bara filannoo walakeessaa, magaalaa Adaamatti jalqabneerra.
Obbo Shimallis Konfiransicha ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.
Paartiin keenya Badhaadhinni, waggoottan darban, duula maqa balleessifi gufachiisoo hunda arsaa qaaliin darbee, kallattii furmaatilee cabiinsa hawaasummaa, siyaasaafi dinagdeef kaa’e raawwachaa asgaheera.
Jalqabumaa kaasee, adeemsa bu’aa bahii kana hoggansa yeroon barbaadu ilaalama Ida’amuutiin kennuun, gahee guddaa kan bahan, Looreetii Nagaa Adduunyaa, Mummee Ministiraa keenya, kab. Doktar Abiyyi Ahmadi guddaa galateeffachuun barbaada.
Dabalataanis, warra adeemsa kana gaachana taatanii aarsaa kaffaluun akka milkoofnu nudandeessistan, baga jaallewwan keessan taane! Seenaa boonsaan keessanis maqaa ummatichaa waliin yoomiyyuu kan ka’u ta’a.
Walumaagalatti, hoggansaafi miseensa paartii keenyaa, ‘jabaa gaafa biyyaa’ ta’uu mirkaneessitan, akkasumas ummata bal’dhaa hirkoo nuuf taateef baga guyyaa kana geenye, geessan jechuun fedha.
Koonfiransiin kun, boqonnaa yeroo dhufuuf waadaa keenya itti haaroomsinee, karoora misoomaa kaawwanne milkeessuuf xiqii guddaadhaan itti ofqopheessinudha.
Yeroon hafu, boqonnaa hanqinaallee mul’dhatan furuun, guutummaa caasaa mootummaafi ummata bal’dhaa sochoosun hojiilee hiyyummaa, wal’dhabdeefi boodatti hafummaa hundeerra buqqisan raawwannee bu’uura badhaadhinaa itti keenyudha.
Kanaanis, qormaatilee muuddatan hunda dandamachaa, dirqama seenaa kan baanu ta’uu carraa kanaan siniif mirkaneessuun barbaada.
Waadaa Gochaan, Badhaadhina Itiyoophiyaatif!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.