Fana: At a Speed of Life!

Waajjirri Muummee Ministiraa dhimma COVID-19 ilaalchisuun ibsa baaseera

Qaamoole fayyaa fi nageenya hawaasarrattii hokkora oofan irrattii qaamnii seera kabachiisuu hojii seera kabachiisuu siriittii akka raawwatu kallattiin kaa’ameera -waajjira Muummee Ministiraa

Finfinnee, Bitootessa 20, 2012 (FBC) – Qaamoole fayyaa fi nageenya hawaasarrattii hokkora oofan irrattii qaamnii seera kabachiisuu hojii seera kabachiisuu siriittii akka raawwatu kallattiin kaa’amuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksise.

Waajjirri Muummee Ministiraa dhimma COVID-19 ilaalchisuun ibsa baaseera.

ibsa isaaniis, Yeroo rakkoon fayyaa addunyaa mudatuuttii odeeffannoowwan dharaa tamsa’uun isaanii dhukkubiicha qixa miidhaan isaanii hamaadhaa jedhame.

Yeroo rakkoo akkanaa kanattiis kutaan hawaasaa hundii odeeffannoowwan sobaa dhaabsisuuf ga’ee irraa eegamuu hunda gochuu qabaa.

Mootummaan federaalaas odeeffannoo dhimma COVID-19 karaa Ministeera Fayyaan odeeffannoowwan qindeessuunii fi uummataan ga’uu hojjechaa jira jedheera.

Dabalataanis koreen waajjira Muummee Ministraa,waajjiraalee ministerootaa fi koreewwan kaan hundaa’uun raawwii hojii jiruu yeroo yeroon ilaaluun dabarsaa jiraachuun ni beekamaa.

Ummannii biyyiittiis yeroo rakkiisaa ta’ee kanattii odeeffannoowwan sobaa daldala siyaasaaf jecha ba’aniirraa of qusachuutu irraa eegama jedhe.

Odeeffannoo fayyaa hawaasaa dogoggorsanii fi ummata gidduuttii sodaa fi hokkora uumuun seeraan kan nama gaafachiisuu fi sochii tokkuummaa biyyaas diiguudha.

Dhimma COVID-19 irrattii odeeffannoo waqtaawwaa kan laatani Ministeera Fayyaa Federaalaa fi Inistitiyuutii Fayyaa hawaasaa ta’uu ibseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.