Fana: At a Speed of Life!

Wabii Midhaan Nyaataarratti tarkaanfiin hatattamaa akka fudhatamu gaafatame

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Dhaabbileen Maallaqaa Idil Addunyaa Wabii Midhaan Nyaataarratti tarkaanfii ariifachiisaan akka fudhatamuu gaafatan.

Waldhabdee Raashiyaa fi Yuukreen hordofee qaala’iinsa diinagdee muudate hiikuuf hawaasni idil addunyaa wabii midhaan nyaataarratti tarkaanfii hatattamaa fudhachuu akka qaban waamichi dhiyaateera.

Daballiin gatii Gaazii Uumamaarratti taasiifame oomishaa fi oomishtummaa qonnaarratti qooda olaanaa kan qaban Xaa’oo biyyoorratti dhiibbaa addaa uumuu dhaabbileen Maallaqaa idil addunyaa ibsaniiru.

Baankiin Addunyaa, Dhaabbanni Maallaqaa Idil addunyaa, sagantaan nyaataa addunyaa fi Dhaabbanni Daldalaa Addunyaa qaala’iinsa diinagdee sababa waraana Yuukreenii fi Raashiyaan uumame tasgabbeessuuf hawaasni idil addunyaa wabii midhaan nyaataarratti tarkaanfii hatattamaa fudhachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Biyyoota hiyyeeyyii caalmatti rakkichaaf saaxilamoo ta’an dhiyeessii nyaataan, deeggarsa maallaqaa, oomisha qonnaa dabaluu fi daandiiwwan biroo fayyadamuun fedhii faayinaansii isaanii uwwisuuf bifa qindaa’een deeggarsa hatattamaa taasiisuu akka qaban gaafatameera.

Waraanni Raashiyaa fi Yuukreen weerara Vaayrasii koroonaa fi jijjiirrama qabeenya qilleensatti dabalamuun qaala’iinsi diinagdee haalaan akka dabaluu taasiisuu dhaabbileen Maallaqaa kunneen eeraniiru.

Dhaabbileen maallaqaa kunneen beekkumsaa fi maallaqa qaban fayyadamuun biyyoota rakkichaaf caalmaatti saaxilamoo ta’an deeggaruuf qophii ta’uu isaanii ibsamuu Anaadooluun gabaaseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.