Fana: At a Speed of Life!

Waggoottan ittaanaan tajaajilli faayinaansii jijjiirama fooyya’aa akka fidu akeekame

Finfinnee, Bitootessa 17, 2016 (FBC)- Waggoottan ittaanaan kenniinsi tajaajila faayinaansii fi hirmaachisummaan damichaa jijjiiramaa fooyya’aa akka fidu Bulchaan Baankiin Biyyaalessaa Miratuu Maammoon dubbatan.

Gamaaggama tarsiimoo Dijitaal Itiyoophiyaa 2025 ilaalchisee mariin paanaalii gaggeeffameera.

Tarsiimichi hojiilee damee faayinaansii ammayyeessuu fi saffisiisuu keessatti daandiilee bu’uraarratti jijjiirama fiduu ibsan.

Damee faayinaansiin, qusannaa, liqii, inshuraansii fi invastimantii gaggeessuuf hojmaati tajaajila sirna faayinaansii dijitaalaa saffisaa taasiseera jedhan.

Keessumaa waliingahiinsa faayinaansii, sirna kaffaltii fi hirmaachisummaa tarsiimoo Dijitaal Itiyoophiyaan gahee olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru.

Fayyadamtoonni Baankii Dijitaalawaa miiliyoona 32 fi kaardiiwwan kaffaltii miiliyoona 42 jiraachuu eeruun waggoottan shanan darbanitti kaffaltiin dijitaalawaan guddina %750 argisiisuu himuu TOI gabaaseera.

Kunis Itiyoophiyaatti waggoottan ittaanaan kenniinsa tajaajilaa sirnaa faayinaansii saffisiisuu fi hirmaattota damichaa dabaluun damicharratti jijjiiramni bu’uuraa akka jiraatu himaniiru.

Kana galmaan ga’uufis labsii hojiirra oolaa jirutti dabalataan dhiyeenyatti seerri faayinaansii baankii haaraan akka ba’u dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.