Fana: At a Speed of Life!

Waldhabdee araaraan darbuun walkabajaa fi waliif yaaduun jaalalaa fi nagaan jiraachuu wanti caalu hinjiru-Abuuna Maatiyaas

Finfinnee, Fulbaana 16, 2015 (FBC) – Waldhabdee araaraan darbuun walkabajaa fi waliif yaaduun jaalalaa fi nagaan jiraachuu caalaa filmaanni biroon hinjiru jedhan Paatiriyaarkiin Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa Abuuna Maatiyaas.

Siria Daamaraa Masqalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti haala hawwataan kabajameera.

Sirnicharratti Paatiriyaarkiin Mana Amantichaa Abuuna Maatiyaas ergaa dabarsaniin furmaannii hinjijjiiramne araaraa fi dhiifamaa jedhan.

Dhalli namaas waldhabdee araaraan darbuun tokkummaa fi nagaa uumuun walkabajaa fi waliif yaaduun, waliif oo’uu fi walgargaaruun, waldanda’uu fi jaalalaan jiraachuu bira darbee filmaannii fooyya’aan akka hinjirre himaniiru.

Wayita ayyana Masqalaa kabajnus mul’achuu Fannoo bira darbee yaadachuu kan qabnu ergaa Fannoo dhala namaa gidduutti nagaa, jaalala, tokkummaa fi walqixxummaa, dhiifamaa fi araaraa buusuun, fayyummaa miiraa namaa, xiinsammuu fi qaamaa eegamee akka jiraatu taasisuudha jedhaniiru.

Waaqa jaallachuu fi ajajamuu akkasumas Ityoophiyaa ni jaallannaa yoo ta’e, gochaaleen raawwannuu hunduu fedha Waaqaa fi iccitii Fannoo kan eege ta’uu qabas jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.