Fana: At a Speed of Life!

Waldhabdeewwan sababeeffachuun humnoonni finxaaleyyiin nageenya biyyaa jeequuf hojjechaa jiru-Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Waldhabdeewwan sababeeffachuun humnoonni fiinxaaleyyii nageenyaa biyyaa jeequuf hojjechaa jiraachuu Poolisiin Federaalaa odeeffannoo argateen mirkaneessuu beeksise.

Guyyaa har’aa humnoonni gurmaa’an fuullee foddaa Biiroo Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee cabsuun miidhaa salphaa geessisuu beeksiseera.

Poolisiin humnoota kanneen to’annoo jala oolchuun ittigaafatamtoota seeraa akka ta’aniif qorannoo gaggeessaa jiraachuu ibseera.

Dabalataan, humnoonni finxaaleyyii diinotaa alaa waliin qindaa’uun nageenya biyyaa booressuuf meeshaalee gargaraa byya keessa galchaa jiraachuu ibseera.

Kanaaf, hawaasni musliimaa hundi kana hubachuun nageenyi biyyaa fi amantichaa akka hinboorofneef gahee isaanii akka bahatan hubachiisuun, poolisiin qaamolee gochaa isaaniirraa of hinqoqqobne irratti tarkaanfii kan fudhatu ta’uu beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.