Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Isiraa’eel fi Hamaas hojiirra ooluu eegale

Finfinnee, Sadaasa 14, 2016 (FBC) – Waliigalteen dhukaasa dhaabuu guyyoota 4f Isiraa’eel fi Hamaas gidduutti taasiifame har’a hojiirra ooluu eegaluu ibsameera.

Qaamoleen lamaan guyyoota afuriif dhukaasaa dhaabuuf waliigalteerra ga’uun kan yaadatamuudha.

Yaa ta’uutii waliigalteen kun sababoota garaagaraan osoo hojiitti hin hiikkamin turuun eerameera.

Har’a akka lakkoofsa yeroo naannichaan sa’aatii 7:00 eegalee hojiirra ooluu eegaluu TRTn gabaaseera.

Akkaataa waliigaltichaan Hamaas lammiilee Isiraa’eel Ugguree ture 50 kan gadi lakkisu yoo ta’uu, Isiraa’eelis lammiilee Filisxeem mana hidhaa jiran 150 ni hiikti jedhame.

Dabalataan konkolaattoonni deeggarsa namoomaa, Qorichaalee fi boba’aa fe’an hedduun gara Gaazaa ni seenuun eegama.

Akkasumas Isiraa’eel naannoo Gaazaa hunda keessatti sochii waraanaa kamiyyuu kan dhaabdu ta’uu ibsameera.

Waraana guyyoota 49ffaa lakkoofsise kanaan hanga ammaatti lammiileen nagaa kumni 14 ol ajjeeffamuu ragaaleen ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.