Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen karra galaanaa mallattaa’uun milkaa’inni biyyaalessaa injifannoon dabaalamee imalaa jiraachuu mul’isa – Obbo Taaggasee Caafoo

Finfinnee, Mudde 24, 2016 (FBC) – Waliigalteen karra galaanaa mallattaa’uun milkaa’inni biyyaalessaa injifannoon dabaalamee imalaa jiraachuu mul’isa jedhan Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoon.

Barootaaf gaabbii keessa kan ture gaafffiin karra galaanaa tattaaffii cimaa fi murannoo Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy taasiisaniin Itiyoophiyaan buufataa fi karra galaanaa argachuuf waliigalee milkaa’ina biyyaalessaa injifannoon dabaalame argachuu mul’isa jedhan.

Waliigaltichi misoomaa fi fayyadamummaa ummataa caalmaatti mirkaneessuun imala badhaadhinaa eegalame kan dhugoomsu ta’uu eeraniiru.

Itiyoophiyaan yeroo amjaa qormaata keessoo fi alaa qolachaa, gama biroon qabeenya hawaasummaa fi diinagdee dhalootaaf abdii ta’u galmeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Diinagdee biyya keessaa, Qonna, Indaastirii, Turizimii, Albuudaa fi Damee Koominikeeshinii Teeknooloojii Odeeffannoon hojiilee jajjabeessaa raawwachuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.