Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti lafti heektaarri kumni 4 fi 500 kuduraalee fi muduraaleen misoomaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 17, 2016 (FBC) – Naannoo Harariitti lafti heektaarri kumni 4 fi 500 kuduraalee fi muduraaleen misoomaa jiraachuu Biiroon Misooma Qonnaa naannichaa beeksiise.

Oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultoota naannichaa guddisuun qaala’iinsa jireenyaa ummata magaalaa hir’isuuf hojjetamaa jiraachuu Pireezdaantii Itti Aantuun Naannoo Hararii fi Hoggantuun Biiroo Misooma Qonnaa naannichaa Aadde Roozaa Umar ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Naannoo Hararii Obbo Geetuu Wayyessaa fi Pireezdaantii Itti Aantuun Mootummaa naannichaa Aadde Roozaa Umarii fi hoggantoonni olaanoo biroon hojii misooma kuduraa fi muduraa Aanaalee Soofii fi Erar keessatti hojjatamaa jiran daawwataniiru.

Bara kana lafti heektaarri kumni 4 fi 500 kuduraalee fi muduraaleen uwwisuuf karoorfamuu hanga ammaatti % 85 raawwatamuu Aadde Roozaan ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa galteewwan adda addaatiin qonnaan bultoota deeggaraa jiraachuu eeruun ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.