Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen pirojektii Paarkii indastirii qindeessaa oomishaalee qonnaa fi nyaataa marsaa 2ffaan mallatteeffame

Finfinnee, Ebla 10, 2016 (FBC)- Waliigalteen pirojektii Paarkii indastirii qindeessaa oomishaalee qonnaa fi nyaataa marsaa 2ffaan mallatteeffameera.

Waliigaltichis Ministir Deetaa Ministeera Maallaqaa Samaariittaa Sawaasawuu fi Daayrektarri Dhaabbata Misoomaa Indaastirii Mootummoota Gamtoomanii Gaantar Beegar mallatteessaniiru.

Piroejktichi Itiyoophiyaatti dandeettii Paarkiiwwan Indaastirii Qindeessaa Qonnaa sadii cimsuu fi deeggarsa taasisuuf kan oolu ta’uun eerameera.

Pirojektichi hojiirra akka ooluuf Dhaabbanni Misoomaa Indastirii Mootummoota Gamtoomanii (UNIDO) deeggarsa Doolaara miiliyoona 1.5 akka taasisu himameera.

Deeggarsichi mootummaan dameewwan indaastirii, qonnaa fi maanufaakchariingii guddisuuf tattaaffii taasisu kan tumsu ta’uu Samaariittaa Sawaasawu wayita waligaltichaatti dubbataniiru.

Gaantar Beegar gama isaaniin, ‘UNIDO’n Itiyoophiyaatti dameewwan misoomaa garaagaraan deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu himuu ragaan Ministeeraa Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.