Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’iinsa Masjiidootatti mudate furuuf walitti dhiyeenyan mari’achuutu furmaata jedhame

Finfinnee, Caamsaa 28, 2015 (FBC) –Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalfi Andu’aalem Koree Karaa Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaan hunda’e waliin mari’ateera.

Iddoolee tokko tokkotti Masjiidoonni diigamuu hordofee walitti bu’iinsa uumame furuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin mari’achuun furmaata itti laachuun murteessaa ta’uu marichaan ka’eera.

Marii kanarratti abbootiin amantaa Majiliisa Federaalaa, Magaalaa Finfinnee fi Oromiyaa bakka bu’an, Hoggantuun Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa fi Komishinarri Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaaw argamuu ibsameera.

Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Masjiidoonni diigaman sababa jedhuun magaalaa Finfinnee Masjiidota lama keessatti guyyoota solaata juma’aa lamaan darban jeequmsa kaasuuf yaaliin taasiifamaa turuu mari’acharratti ibsameera.

Sababa kanaan lubbuun namaa darbuu, miidhaan qaamaa qaqqabuu fi qabeenyi barbadaa’uu eerameera.

Rakkicha mariin furuun osoo danda’amuu miidhaan kun qaqqabuun sirrii akka hin taane ibsameera.

Rakkoo kamiiyyuu furuun kan danda’amu marii fi marii qofaan ta’uu Ministirri Miniteera Nageenyaa Obbo Binnaalfi Andu’aalem ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Mariin eegalame rakkichaaf furmaata waaraa kan laatu ta’uu amantaa qabaachuu himaniiru.

Sababa rakkoo uumameen miidhaalee qaqqabeef qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru.

Koreen Majiliisa bakka bu’anis rakkoolee uumaman kamiiyyuu furuuf walitti dhiyeenyaan mari’achuun furmaata waaraa kan fidu ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.