Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’iinsaa fi rakkoo nageenyaa jiru furuuf hojjetamuu qaba – Abunee Maatiyaas

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Walitti bu’iinsaa fi rakkoo nageenyaa jiru furuuf hojjetamuu akka qabu Paatirayaarikiin Ordotoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa Qulqulluu Abunee Maatiyaas dhaamaniiru.
 
Siinoodoosiin mana Amantaa Ordotoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa yaa’ii idilee gaggeessaa jira.
 
Yaa’ii kanarratti kana argaman Qulqulluu Abunee Maatiyaas rakkoo kanneen furuuf dureewwan amantaa, mootummaa fi hordoftoonni amantii qindoominaan hojjechuu qabu jedhan.
 
Walitti bu’iinsi yeroo garaagaraa biyyattiitti uumamu miidhaa hedduu qaqqabsiisaa jiraachuu eeraniiru.
 
Yeroo kanatti garaagartee jiru mariin hiikuun nagaa buusuuf hojjechuun murteessaadha jedhan.
 
Sosochiin faallaa fi fanxaallessummaa rakkoo mana amantichaa muudataa jiru ta’uu kaasaniiru.
 
Dabalataan rakkoon bulchiinsa gaarii qormaata cimaa keessaa ta’uu eeruun, rakkoolee kanneen furuuf hojjetamuu qaba jedhan.
 
Mattaagas Ayyelinyitu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.