Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii waliin jireenya uummattoota naannolee Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz cimsuuf kaayyeffate eegale

Finfinnee, Adoolessa 29, 2014(FBC)- Waltajjiin marii waliin jireenya uummattoota naannolee Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz cimsuuf kaayyeffate magaalaa Asoosaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Waltajjichi Waajjiraa Qindeessa Nageenyaafi Misoomaa Oromiyaa, Beenishaangul Gumuziifi Gambeellaan kan qophaa’e yoo ta’u, hariiroo naannolee lameenii cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu eerameera.

Waltajjicharratti hoggantoonni olaanoon naannolee lameenii, hoggantoonni Waajjira Qindeessaa Nageenyaafi Misoomaa, hoggantoonni aanaalee ollaafi bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa argamuu ibsameera.

Wajjirichi  ijaarsa nageenyaa, ijaarsa dhaabbileefi hariiroo uummattootaarratti hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu eerameera.

Waltajjichaan haala qamolee waliin jireenya uummatoota naannolee lameenii hin barbaadne irratti qabsaa’uun danda’amuufi  nageenyaafi misooma  uummataaf waliin hojjechuun danda’amurratti mari’achaa jiraachuu ragaan kominikeeshinii naannoo Beenishaangul Gumuzirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.