Fana: At a Speed of Life!

Waraana mootummaan hidhachiiseen ala qaamni kamiyyuu meeshaa waraana hidhatee ummata keessa socho’uu hin qabu –Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo

Finfinnee, Sadaasa 19, 2013 (FBC) – Waraana mootummaan hidhachiiseen ala qaamni kamiyyuu meeshaa waraana hidhatee ummata keessa socho’uu akka  hin qabn Abbaan Gadaa Gujii fi walitti qabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Jiloo Maandhoon ibsan.

Abbaan Gadaa Gujii fi walitti qabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo marii magaalaa Bulee Horaa irratti qophaahe irratti rakkoo tasgabbii dhiheenya kana Kibba Oromiyaa keessatti mul’achaa jiru ilaalchisuun murtee dabarsaniiru.

Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoon ,waraana Mootummaan hidhachiiseen ala qaamni kamiyyuu meeshaa waraana hidhatee ummata keessa socho’uu akka hin qabne dubbataniiru.

Qaamni hariiroo waraana ABO Shanee waliin qabu ariitiin dhaabuu akka qabu murtee dabarsaniiru.

Qaamni waraana gara Oromootti naannessee Oromoo waraanu Oromummaan isaa irraa haqamuu qaba jedhan.

Gareen ABO shanee aadaa labsii Gadaan waggaa lama dura dabarse darbuun Oromoo waan salphiseef ammaan booda ummanni Oromoo dammaquu qaba jedhaniiru.

Akka OBN gabaaseetti ammaan booda moggaasni ‘diina’ jedhamu laatamuufii akka qabu ergaa dabarsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.