Fana: At a Speed of Life!

Waraanni ABUT bane dargaggoota Tigraay dhumaatiif kan affeerudha-Dhalattoota Tigraay

Finfinnee, Hagayya 25, 2014(FBC)- Waraanni gareen shororkeessaa ABUT bane dargaggoota Tigraay dhumaatiif kan affeeru ta’uu dhalattoonni Tigraay dubbatan.

Dhalattoonni naannichaa turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin, gareen shororkeessaa ABUT uummata Tigraayiifan dhaabbadhe ofiin jedhu yeroo sadaffaaf uummata Tigraay waraanatti bobbaasaa jira jechuun balaaleffataniiru.

Garichi daa’immaniifi dargaggoota naannichaa waraanaaf hiriirsisuun uummata Tigraay bakka bu’aa dhabsiisaa jiraachuu kaasaniiru.

Uummanni Tigraay akkuma uummata biyyattii biroo misooma faarsuu osoo qabuu dhaloota egeree waraanatti bobbaasuun naannicha naannoo abdii hin qabne taasisaa jira jedhan.

Gochaan garichaa yaaddoo guddaa keessa isaan galchuu kaasaniiru.

Dhalattoonni naannichaa hundi gochaa garichaa balaaleffachuu akka qaban dhaamaniiru.

Tigist Abrahaamtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.