Fana: At a Speed of Life!

Waraanni Raashiyaa fi Yuukreen diinagdee fi siyaasa Afrikaarratti dhiibbaa kan uumu ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (FBC) – Waraanni Raashiyaa fi Yuukreen diinagdee fi siyaasa Afrikaarratti dhiibbaa kallattii kan uumu ta’uu Mooskootti Daayreektarri Giddu Gala Qorannoo Afrikaa Andireev Maasloov ibsan.
Waraanichi diinagdee fi Siyaarratti dhiibbaa uumurra darbee sosochii hawaasni idil addunyaa ardichatti taasiisan kan gufachiisu ta’uu Andireev Maasloov turtii RT waliin taasiisaniin himaniiru.
Qoqqoobbiin mootummaan Raashiyaa gabaa biyya keessaa tasgabbeessuuf oomishaaleerratti kaa’e diinagdee Afrikaarratti dhiibbaa olaanaa uumaa jiraachuu ibsaniiru.
Bara Faranjootaa 2015 – 2020 biyyoonni Afrikaa oomisha Qamadii alaa galchan keessaa % 25 Raashiyaa fi Yuukreenii ta’uu ibsaniiru.
Oomishni Qamamdii Raashiyaa akka biyyaa hin baane dhorkamuu fi waqtiin oomisha Qamadii Yuukreen sababa waraanaan gufachuun Afrikaarratti dhiibbaa kallattii qabaachuu dubbataniiru.
Gama dippiloomaasiin Raashiyaan dhimma walitti bu’iinsa biyyoota Afrikaatti giddu seentummaarraa walaba ta’uu ishee kaasaniiru.
Biyyoota Afrikaa 54 keessaa Yaa’ii Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dhimma tarkaanfii waraanaa Raashiyaan Yuukreen irratti fudhatte balaaleffachuuf taa’ee biyyoonni 26 hin deeggarre jedhan.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.