Fana: At a Speed of Life!

Waraanni Raashiyaa mankuusaa meeshaalee waraanaa Yuukireen barbadeessuun gabaafame

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2014 (FBC) – Waraanni Raashiyaa meeshaaleen waraanaa biyyoota Lixaa keessatti kuufamee jira kan jedhame mankuusaa meeshaalee waraanaa Yuukireen guddicha barbadeessuun gabaafame.
Interfox Ministeeraa Ittisaa Raashiyaa wabeeffachuun akka gabaasetti, humnoonni Raashiyaa Yuukireen Naannoo Taarnoopaalitti mankuusaa meeshaaleen waraanaa Ameerikaa fi Gamtaa Awurooppaa keessatti argama kan jedhame misaayilaan barbadeessiteetti.
Dabalataan jeettiiwwan waraanaa Yuukireen Zu 25 jedhaman naannawaa Dooneeksiitti rukutanii kuffisuu Ministeerri Ittisaa Raashiyaa beeksisaniiru jechuun TRT gabaaseera.
Waraanni Raashiyaa fi Yuukireen guyyoota 109ffaa qabate diinagdee Addunyaarratti dhiibba uumaa jiraachuu eerameera.
Biyyoota lameen gidduutti mariin nageenyaa akka gaggeeffamuuf tattaffiin taasifamus, bu’aa barbaadame dhufuu akka hindandeenye gabaasaaleen ba’an ni mul’isu.
Biyyoonni Lixaa deeggarsa meeshaalee waraanaa Yuukireeniif taasisan itti fufuun isaanii ammoo waraanicha babal’iseera jechuun biyyoonii tokko tokko yaaddoo qaban ibsa jiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.