Fana: At a Speed of Life!

Warshaan Warqee Akooboo ji’a 3 booda hojii eegala jedhame

Finfinnee, Amajjii 5, 2015 (FBC)- Naannoo gambeellaa kan ijaaramaa jiru Warshaan Warqee Akooboo ji’a sadiin booda hojii akka eegalu Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan ibsan.

Injinar Taakkalaan miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti hooggantoota federaalaa fi naannichaa waliin ta’uun adeemsa ijaarsa warshichaa daawwataniiru.

Warshaan Warqee Akooboo waggaatti galii Doolaara miiliyoona 100 ol kan argamsiisu ta’uu eeranii, hojii eegaluun warshichaas diinagdee biyyaaf humna dabalataa akka uumuu fi invastimantii damee dhuunfaa kan jajjabeessudha jedhan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.