Fana: At a Speed of Life!

Watar Eeyid sirna dhiyeessii bishaanii magaalotaa fooyyessuuf proojaktii Birrii miiliyoona 50 olii ifatti jalqabsiise.

Finfinnee, Fulbaana 14,2013(FBC)- Watar Eeyid sirna dhiyeessii bishaanii magaalotaa fooyyessuuf proojaktii Birrii miiliyoona 50 olii ifatti jalqabsiise.
Dhaabbatichi proojaktii marsaa 2ffaa kanaan dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu magaalotaa fi sirna qulqullinaa cimsuuf kaayyeffateera.
Marsaan jalqabaa proojaktichaa bara 2006 – 2011 magaalota 20tti hojiirra kan oole yoo ta’u, kan lammaffaa ammoo waggoottan shaman itti aananiif hojiirra kan oolu ta’a.
Baasiin proojaktichaa dhaabbata Briitaaniyaatti argamu Yook Shaayar Watar irraa kan argame ta’uu Watar Eeyid Ityoophiyaan Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himeera.
Ityoophiyaatti daayreektarri Watar Eeyid obbo Yaaqoob Matanaan marsaa kanaan naannolee 3tti (Oromiyaa, Amaaraa fi Tigraay) magaalota waldaangessan 23 qaqqabuuf ni hojjetama jedhan.
Sirna proojakticha jalqabsiisuu viidiyoo koonfaransiin gaggeeffameerratti bakka buutonni Ministeera Fayyaa, Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii, dhaabbileen miti mootummaa, biiroleen bishaanii naannolee fi dhaabbatichatti qindeessaan waajjira baha Afrikaa argamaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.