Fana: At a Speed of Life!

Weerara Awwaannisaa naannoo Tigraayitti muudate ittisuuf Birrii miiliyoona 10 arjoomuuf waadaan galame

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2013 (FBC) – Weerara Awwaannisaa naannoo Tigraayitti muudate ittisuuf Birrii miiliyoona 10 arjoomuuf waadaan galamuu ibsame.
 
Weerara hoomaa Awwaannisaa naannoo Tigraayitti muudate ittisuuf koreen yeroof deeggarsa walitti qabuuf dhaabbate kaleessa galgala sagantaa galii walitti qabuu Hoteela Sharaatanitti gaggeesseera.
 
Sagantichis qindeessummaa abbootii qabeenyaa dhalattoota naannichaa fi hooggantoota Paartii Badhaadhinaan kan qophaa’eedha.
 
Sagantaa kanarratti lammiilee hoomaa Awwaannisaa kanaan miidhamaan deeggarsuuf abbootiin qabeenyaa fi dhaabbileen garaagaraa waadaa galaniiru.
 
Rakkicha furuuf deeggarsi walitti qabamaa jiraachuu qindeessitoonni kunneen ibsaniiru.
 
Eegaa olaanaan korichaa fi Ministiri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay, sagantichi hoomaa awwaannisaa naannoo Tigraayitti muudate ittisuuf bittaa keemikaalaa fi lammiilee miidhaman deeggarsuuf kan qophaa’e ta’u eeraniiru.
 
Abbootiin qabeenyaa deeggarsa taasisan cimsanii itti fufuu akka qaban gaafataniiru.
 
Sagantichi mata duree ‘Tigraay ni qulqulloofti, seenaan tokkummaa keenyaa awwaannisarratti ni dabalama, rakkoon qonnaan bulaa rakkoo biyyaati’ jedhuun gaggeeffamuu ibsameera.
 
Qaamooleen deeggarsa taasisuu barbaadaan lakkoofsa herreegaa Baankii Daldala Ityoophiyaa 1000349168166 fi Baankii Wagaagan 0848379030101tti deeggarsa taasiisuu ni danda’u jedhame.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.