Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tarkaaffiin eegalame itti fufuu qaba – Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Finfinnee, Hagayya 26, 2012 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tarkaaffiin eegalame cimee itti fufuu akka qabu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa yaadachiise.
 
Biyyoonni uggura kaasuun sosochii garaagaraa eegalan hawaasa dhibichaaf saaxilamoo ta’an eeguu akka qaban beeksiseera.
 
Biyyoonni sosochii daldalaa fi tajaajilaa eegalan, weerarichi akka hin babal’annee fi lubbuun lammiilee akka hin baane of eeggannoo cimaa taasiisu qabu jedhame.
 
Dhaabbatichi biyyoonni weerara vaayrasichaa too’achuu mirkaneessan sochii eegaluu ni danda’u jedheera.
 
Yaa ta’uutii biyyoonni weeraricha hin too’anne sochii eegaluun isaanii dhibicha babal’isuuf carraa banuu ta’uu daayreektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teedroos Adhaanoom dubbataniiru.
 
Iddoolee hawaasni itti heddumaatuutti of eegannoo cimaa taasiisuun murteessaa ta’uu Dooktar Teedroos ibsaniiru.
 
Keessattuu kutaaleen hawaasaa dhibichaaf saaxilamoo ta’an vaayrasichaan lubbuu isaanii akka hin dhabne xiyyeeffaannoon hojjetamuu qaba jedhan.
 
Tokkoon tokkoo namaa haguuggii fuulaa seeraan fayyadamuu, fageenya ofii eeggachuu fi harka dhiqachuun ga’ee isaanii ba’uu akka qaban yaadachiisaniiru.
 
Maddi:-CGTN
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.