Fana: At a Speed of Life!

Wixineen labsii eksaayiz taaksii gatii konkolaattota “cc” 1300 gadii %30 gara %5tti gadi buusa

Finfinnee, Amajjii 8, 2012 (FBC) – Wixineen labsii eksaayiz taaksii gatii konkolaattota “cc” 1300 gadii %30 gara %5tti gadi buusa.

Kunis gatii konkolaattota manaa haaraa %83 hir’isa jedhameera.

Ministeerri Maallaqaa eksaayiz taaksii fooyya’erratti har’a ibsa laatera.

Ministir deettaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny fooyya’iinsichi gatii konkolaattota haaraa “cc” 1300 dhibbantaa 30 gara %5tti kan gadi buusu ta’uu ibsaniiru.

Kunis gatii konkolaattota manaa, haaraa %83 gadi buusa jedhaniiru.

Eksaayiz taaksiin dhugaatii alkoolii fi tamboorra kaa’ame xiqqaadhan komii ka’aa turerrattis ibsa laataniinis, indaastiriin dhugaatii lammiilee hedduuf carraa hojii uumaa waan jiruuf, kan tamboo qofarratti sirreeffamni kan taasifamu ta’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan eksaayiz taaksiin tamboorra kaa’amee ture %35, gara %36tti akka ol guddatu taasifameera jedhan.

Bishaan saamsamaarratti taaksiin kaa’amuuf ture %15, dhibbantaa 10 akka ta’utti fooyya’eera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI fooyya’iinsa eksaayiz taaksichaa dhiyeenyatti itrratti mari’achuun ni raggaasisaan eegama.

Meeshaalee bu’uuraarratti akka waan daballiin taasifameetti sobanii burjaajjiin daldaltoota daballii gatii taasisan irratti tarkaanfiin ni fudhatama jedhaniiru.

Haabtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.