Fana: At a Speed of Life!

Xaaliyaan sabaaba weerara covid-19n irra deebiin sochii uggarte

Finfinnee, Bitootessa 25, 2013 (FBC)- Xaaliyaan lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii heddummaachaa waan dhufeef biyyattitti uggura sochii cimaa keesse.

Xaaliyaanitti weerarri vaayrasii koroonaa akka haaraatti marsaa 3ffaaf babal’achaa jiraachuun yaaddoo cimaa uumuu ibsameera.

Guyyaarraa gara guyyaattis giddugaleessaan namoonni kumni 20 ol vaayrasichaan qabamaa jiraachuu ibsameera.

Mootummaan biyyattis kanarratti hundaa’un uggura sochii kaa’eera.

Ayyaana Cuuphaa kabajuufis gara bulchiinsota biraatti imallii akka hin taasifamnee dhorkiteetti.

Xaaliyaannitti hanga ammaa weerara vaayrasiichaatin lubbuun namoota kuma dhibba 1 fi kuma 10 fi 328 darbeera.

Awrooppaatti tamsa’inni vaayrasichaa fi talaalliin vaayrasii koroonaa turuun yaaddoo cimaa uumeera.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.