Fana: At a Speed of Life!

Xaaliyaanitti guyyaa tokko keessatti namoonni 475 vaayrasii koroonaan du’an

Finfinnee, Bitootessa 10, 2012 (FBC) – Xaaliyaanitti guyyaa tokko keessatti namoonni 475 vaayrasii koroonaan du’an.

Biyyichatti namoonni hanga ammaatti vaayrasichaan lubbuu isaanii darbe kuma 3 ol darbeera.

Erga Vaayrasiin kun biyyattii keessatti mudatee egalee namootni  kuma 35 fi 713 vaayrasichaan kan qabaman yoo ta’u, namoonni kuma 4 ta’an ammoo dhibee kanarraa dandamataniiru.

Biyya jalqaba dhibeen kun itti muldhate Chaayinaatti aantee Xaaliyaaniin biyya lammataa dhibee vaayrasii Koroonaan yaaddoo guddaa irraan ga’aa jirudha.

Vaayrasiin koroonaa guutummaa addunyaatti haalaan babal’achaa akka jiru himameera.

Hanga ammaatti namoota kuma dhibba 2 fi kuma 18 fi 823 vaayrasichaan kan qabaman yoo ta’u, namoonni kumni 8 fi 810 dhibichaan du’aniiru.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.