Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Bulchiinsa Intarneetii Biyyaalessaa jalqabaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 28, 2014 (FBC) – Yaa’iin Bulchiinsa Intarneetii Biyyaalessaa jalqabaa mata duree ‘Intarneetii misooma hunda hammateef’ jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Yaa’icharratti carraawwanii fi qormaatileen Intarneetiin walqabatanii uumamaan ilaalchisee yaadota dhiyaatanirratti marii bal’aan ni gaggeeffamaan eegama.
Qaamoleen imaammata baasan yaada ka’umsa dhiyeessuun hubannoon waloo akka uumamu ni amanama.
Yaa’icharratti bakka buutoonni Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii , qooda fudhattoonni, dameewwan dhuunfaa, waldaaleen siiviilii, dhaabbileen barnootaa olaanoo fi dhaabbileen miti mootummaa hirmaachaa jiraachuu ibsameera.
Zabiib Taklaayitu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.