Fana: At a Speed of Life!

Yaalamtu tokkoo keessaa Xannachi kiiloo giraama 20 ulfaatu walla’ansa baqaksanii yaaluutin baahe

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC)- Yuunvarsiitii Walayittaa Sooddootti barsiisummaa fi hospitaala Riferaalaa Otoonaatti yaalamtu tokkoo keessaa Xannachi kiiloo giraama 20 ulfaatu walla’ansa baqaksanii yaaluutin bahuun isaa dhaga’aameera.

Yaalamtuun kun baatiiwwan 7’f hordoffii tajaajila ulfaaf wayita gara hospitaalichaa deemanitti xannichichi gadameessaa isaaniii keessaatti argamuu isaa beekameera.

Ogeeyyiin fayyaa nageenyummaa ulfichaaf jechaa da’umsa booda yaala laachuuf murteessuu himaniiru.

Yaalamtuun kun ulfaa jalqabaatin rakkoo tokkollee akka hin qabannee ibsaniiru.

Yaa ta’uu malee hordooffii ulfaa marsaa 2ffaaf gara hospitaalaa wayita deemaniitti dooktaroonni xannachi gadameessa isaanii keessaa akka jiruu itti himuu fi yaaddoon akka irra bulee himaniiru.

Daa’ima isaanii 2ffaa nagaan erga hiikamanii booda beellamaa dooktarroonni laataniif eegaa osoo jiranii dhukkubbiin addaa itti dhagahamnaan gara hospitaalaa deemaniiru.

Dooktaroonni kunneen haala milka’een gadameessaa isaanii keessaa Xannacha kiiloo giramaa 20 ulfaatu baasaniiru.

Yeroo amma kana yaalamtuuttiin  ayyaa gariirraa jirachuun ibsameera.

Mallasaa Taaddalaatu gabaase

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.