Fana: At a Speed of Life!

Yaaliin Misaa’ela Baalastikaa Kooriyaan Kaabaa taasiifte Ameerikaa dheekkamsiise

Finfinnee, Amajjii 23, 2014 (FBC) – Yaalii Misaa’ela Baalastikaa Kooriyaan Kaabaa taasiifte hordofee Ameerikaan marii ariifachissaa taasiisuu kan barbaaddu ta’uu beeksiifte.
Waashiingitan Piiyoongiyaang Misaa’ela Baalastikaa fageenya giddu galeessaa gara Hawaatti erga furgugdee booda sagantaan Gabbisa Niiwukleerii fi Misaa’elaa Kooriyaa Kaabaa daraan kan ishee yaaddessu ta’uu ibsiteerti.
Dhimmicharratti haal duree tokko malee Kooriyaa Kaabaa waliin marii ariifachiisaa taasiisuu kan barbaaddu ta’uu Ameerikaan hubachiifteerti.
Kooriyaa Kaabaa waliin marii jabaa gaggeessuun dirqama ta’uu aanga’aa oolaanaan Bulchiinsa Joo Baayidan tokko ibsaniiru.
Ameerikaan bara bulchiinsa Joo Baayidan mariin Kooriyaa Kaabaa waliin taasiisuu barbaaddu bu’aa qabeessa ta’aa kan hin jirre ta’uu himameera.
Yaalii Misaa’eelaa cimaan Kooriyaan Kaabaa taasiifte seera idil addunyaa kan cabsee fi murtoo Mana Maree Nageenyaa kan sarbe ta’uu muul’isa jechuu isaanii TRTn gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.