Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Aksum Barattoota waame

Finfinnee, Adoolessa 23, 2015 (FBC)- Yuunivarsiitiin Aksum sababa waraanaan adeemsa baruu fi barsiisuu addaan kutee ture irra deebin jalqabuuf qophii duraa barbaachisaa taasisuun barattootaaf waamicha taasiseera.

Haaluma kanaan, barattoota idilee waggaa 3ffaa isaa ol ta’an, barattootaa Muummee Fayyaa fi barattoonnii digirii jalqabaa hunduu Hagayya 2 fi 3, 2015 akka galmaa’an waamicha taasiseera.

Akkasumas, barattoonni digirii jalqabaa Gannaa Hagayyaa 4 fi 5, 2015 gabaasa akka taasisan waamicha taasisuu ragaan yuunivarsiticharraa argame ni mul’isa.

Barattoonni dhuunfaan baratan Hagayya 6 fi 7, 2015 akkasumas barattoonni idilee waggaa 2ffaa fi 3ffaa Fulbaana 10 fi 11, 2016 kan galmaa’an ta’uu beeksiseera.

Gama biraatiin, barattoonni barnoota isaanii addaan kutan ragaa barnootaa isaanii qabachuun akkaataa sagantaa eerameen mooraa ramadamanitti qaamaan argamuun gabaasa akka taasisan gaafateera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.