Fana: At a Speed of Life!

Yuuniyeeniin Qonnaan Bultootaa Buna Oromiyaa Mana Kuusaa Toonii kuma 16 qabatu eebbifame

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2013 (FBC) – Yuuniyeeniin Qonnaan Bultoota Bunaa Oromiyaa mana kuusaa bunaa toonii kuma 16 qabatu danda’a Birri miiliyoona 47 ta’uun Godina Gujii Lixaa Magaalaa Garbaatti ijaarsisaa ture xumure eebbisiiseera.
Yuuniyeenichi mana kuusaa waldaaleen hojii gamtaa buna itti kuufachuun gabaaf akka dhiheessaniif ijaarsisaa ture eebbisuun hojii jalqabsiiseera.
Hojij gaggeessaa Itti aanaan yuuniyeenii Qonnaan bultoota Bunaa Oromoyaa obbo Dajanee Hirphaa, mankuusichi bunni qulqullinaan akka gabaaf dhihaatuufi rakkoo baasii hin barbaachisne waldaalee mudataa tureef fala hosee ta’a jedhan.
Walitti qabaan Boordii Yuuniyeenii Qonnaan Bultoota Bunaa Oromiyaa obbo Abarraa Badhaasaa, yuuniyeenichi buna baayinaa fi qulqullinaan gabaaf akka dhihaatuuf mankuusa akkanaa godinaalee baayinaan buna oomishan keessatti babal’isuuf akka jalqabe himan.
Bulchaan godinichaa obbo Tafarii Wondafroo, godinichi buna toonii kuma 40 ol gabaa addunyaatiif kan dhiheessu ta’us, manni kuusaa dhabamuun qulqullina bunaa irratti rakkoo ta’ee akka ture eeranii, manni kuusaa yuuniyeenii bunaa Oromiyaatiin ijaarame rakkoo kana akka furuu danda’u dubbatan.
Oomishtoonni fi dhiheessitoonni bunaa, manni kuusaa bunaa, bunaa isaaniif ijaaramuun ifaajjii fi baasii hin barbaachisne irraa akka isaan oolchu dubbatan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.