Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Mattuu barattoota kuma 2 fi 262  boruu ni eebbisiisa

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Mattuu barattoota kuma 2 fi 262 muummee garagaraatin barsiisaa ture boruu ni eebbisiisaa.

Yuunvarsiitichi barattoota kuma 2 fi 262 sagantaalee garagaraatin barsiisaa turee marsaa 8ffaaf Fulbaana 8, 2014 ni eebbisisaa jedhameera.

Yuunvarsiitiin Mattuu sagantaalee barnootaa idilee, galgalaa, fageenyaaf kanneen biroon barsiisaa kan ture dhiira kuma 1 fi 466 dubara 796 waliigala barattoota 2, 262 eebbisiisuuf qophiisaa xumuruu isaa Yuunvasitichatti kutaa walqunnamtii hawasaatti ogeessa kan ta’aan obbo Lammeessaa Dirriibaan Faanaa Broodkaastiing Koorporeettitti himaniiru.

Kutaalee barnootaa 37n kan barsiisaa ture Yuunvarsiitiichi barattoota kaampaasiiwwan  Mattuu fi Bedellee ni eebbisiisa jedhaniiru.

Yuunvarsiitiin Mattuu bara 2014  barattoota kuma 3 fi 400 ol haaraa galmeessuun barnoota eegaluusaa ragaan arganne ni muul’idhisa

Abdurahmaan Mahammadtu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.