Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Adaamaa,Walisoo fi Shaggaritti Injifannoo Bitooteessa 24 sababeefachuun marii Paanaalii gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 23, 2016 (FBC) – Magaalaa Adaamaa, Walisoo fi Shaggaritti Injifannoo Bitooteessa 24 sababeefachuun mariin Paanaalii mata duree ‘Injifannoo Arganne Tikfachaa kan HafeefbWaloon Hojjanna!’ jedhuun gaggeeffameera.
Mariin paanaalii magaalaa Adaamaatti gaggeeffameerratti Kantiibaan Magaalichaa Obbo Hayiluu Jaldee fi Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Adaamaa Obbo Ashannaafi Ajjamaa argamaniiru.
Bulchiinsa Magaalaa Shaggarittis Injifannoo Bitooteessa 24 sababeeffachuun mariin Paanaanaalii gaggeeffameera.
“Bitooteessi 24 Guyyaa Seena-qabeessaa fi Guyyaa Biiftuun Bilisummaa fi Walqixxummaa Sabaa fi Sablammoota Itoophiyaa Hundaaf Ifuu Itti Eegalte ta’uu Itti Aanaa Kantiibaa fi Qindeessaa Kilaastara Dinagdee Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloo himaniiru.
Akkasumasa Guyyaa Injifannoo Bitootessa 24,2016 Sababeeffachuun Godina Shawaa Kibba Lixaa magaalaa Walisootti mariin Paanaalii gaggeeffameera.
Bitoottessi 24 guyyaa seena qabeessa, wareegama qaalii dhiigaafi lafeen argameefi guyyaa dheebuu misooma itti baane jedhan Bulchaan Godina Shawaa Kibba Lixaa Obbo Taayyee Guddisaan.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.