Fana: At a Speed of Life!

Hojiin jalqabaa Yuunvarsiitii Booraanaa qabeenya aadaa fi sirna Gadaa sirnaan qoratee ifatti baasuu ta’uu qaba – Obbo Shimallis Abdiisa

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi jilli isaaniin durfamu Yuunvarsiitii Booraanaa eebbisiiseera.
Hojiin jalqabaa Yuunvarsiitii Booraanaa qabeenya aadaa fi sirna Gadaa ifatti baasuun beekkumsaa fi qaroomni cimsuu akka qabu obbo Shimallis dhaamaniiru.
Hojiin mootummaa jijjiirramaa dhagaa bu’uuraa kaa’uu osoo hin taane hojjetee xummuruun jiruu fi jireenya hawaasaa jijjiirruudha jedhan.
Hangafummaan Boornaa aadaa fi qooqaan qofa osoo hin taane misoomaanis mirkanaa’uu qaba jedhan obbo Shimallis.
Sirni gadaa waggoota dheeraaf dhiibbaa dandamatee kan jiraate sirna cimaa ta’uu isaatiin kan jedhan Preezdaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan, ammas sirna gadaa caalmaatti cimsuuf hojjechaa jirra jedhan.
Mootummaan naannoo Oromiyaa jireenya horsiisee bulaa jijjiiruuf hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
Oromoon gosa, amantaa fi ilaalcha siyaasaa adda addaa qabaatus saba tokko, tokkummaa isaa cimsachuun ammoo dhimma murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Hawaasni Booraanaa obbo Shimallis Abdiisaa fi keessummoota sirna eebba Yuunvarsiitii Booraanaarratti argamaniif kennaa adda addaa laataniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.